10 Kanaa achi Gooftaa fi humna isaa jabaa sanaan cimaa. 11 Haxxummaa diiyaabiloosiin akka mormuu dandeessaniif miʼa lolaa kan Waaqaa guutuu hidhadhaa. 12 Walʼaansoon keenya bulchitoota wajjin, abbootii taayitaa wajjin, humnoota addunyaa dukkanaa kanaa fi humnoota hafuura hamaa iddoo samii keessa jiruu wajjin malee foonii fi dhiiga wajjin mitii. 13 Kanaafuu akka yommuu guyyaan hamaan sun dhufutti obsaan dhaabachuu dandeessaniif, waan kana hunda gochuunis akka jabaattanii dhaabattaniif miʼa lolaa kan Waaqaa guutuu hidhadhaa. 14 Egaa mudhii keessan dhugaan hidhadhaatii, qomee sibiilaa kan qajeelummaas uffadhaatii jabaadhaa dhaabadhaa; 15 qophaaʼummaa wangeela nagaa akka kopheetti miilla keessanitti kaaʼadhaa dhaabadhaa. 16 Kana hundumaa irrattis gaachana amantii kan xiyya bobaʼaa hamaa sanaa hunda ittiin dhaamsuu dandeessan qabadhaa. 17 Qoobii sibiilaa kan fayyinaa kaaʼadhaa; goraadee Hafuuraas qabadhaa; innis dubbii Waaqaa ti.
Publicidade
Efésios 6
Miʼa Lolaa Kan Waaqaa