Pular para o conteúdo
Publicidade

Êxodo 12

21 Museen maanguddoota Israaʼel hunda ofitti waamee akkana jedheen; "Dhaqaatii maatii keessaniif xobbaallaa filadhaatii Faasiikaa qalaa. 22 Hiisophii qabaa tokkoo fuudhaa; dhiiga waciitii keessa jiru sana keessa cuuphaatii michichila balbalaa lamaanii fi buusaa balbalaa isa ol aanu dibaa. Isin keessaa namni tokko iyyuu hamma lafti bariitutti balbala mana ofii isaatii gad hin baʼin. 23 Waaqayyo yeroo warra Gibxi dhaʼuuf biyyattii keessa darbutti michichila balbalaa lamaan irrattii fi buusaa balbalaa isa ol aanu irratti dhiiga sana argee balbala sana bira darba; akka inni waa balleessu sun mana keessan seenee isin ajjeesus hin eeyyamuuf.

Veja também