5 Yaadni Kiristoos Yesuus keessa ture sun, isin keessas haa jiraatu.
6 Inni utuma bifa Waaqaatiin jiruu,
wal qixxummaa Waaqa wajjin qabu akka waan irraa fudhatameetti hin lakkoofne;
7 qooda kanaa inni bifa garbaa uffatee
fakkaattii namaa fudhachuudhaan duwwaa of godhe.