17 Addaamiin immoo akkana jedhe; "Waan ati dubbii niitii keetii dhageessee muka ani ija isaa irraa, ‘hin nyaatin’ jedhe irraa nyaatteef,
"Lafti sababii keetiif kan abaaramte taati;
atis bara jireenya keetii guutuu
dadhabbiidhaan ishee irraa nyaatta.
18 Isheen qoraattii fi sokorruu sitti biqilchiti;
atis biqiltuu lafaa ni nyaatta.