20 Kana irratti Iyyoob uffata isaa tarsaasee mataa isaa haaddate. Lafatti gombifamee sagadee 21 akkana jedhe:
"Ani qullaa koon gadameessa haadha kootiitii baʼe;
qullaa koos nan deema.
Waaqayyotu kenne; Waaqayyotu fudhate;
maqaan Waaqayyoo haa eebbifamu."