Pular para o conteúdo
Publicidade

Jó 9

Iyyoob

1 Iyyoob akkana jedhee deebise:

2 "Ani akka wanni kun dhugaa taʼe beeka.

Namni garuu akkamitti fuula Waaqaa duratti qajeelaa taʼuu dandaʼa?

3 Namni tokko yoo isa wajjin falmuu barbaade

kuma keessaa siʼa tokko illee isaaf deebisuu hin dandaʼu.

4 Ogummaan isaa gad fagoo dha; humni isaas guddaa dha.

Namni isaan mormee utuu hin miidhamin hafu jiraa?

Veja também