Cubbuu Irraa Deebiʼaa
12 "Amma iyyuu garaa guutuudhaan,
soomaan, booʼichaa fi gaddaan
gara kootti deebiʼaa" jedha Waaqayyo.
13 Isin utuu wayyaa keessan hin taʼin
garaa keessan tarsaasaa.
Gara Waaqayyo Waaqa keessaniitti deebiʼaa;
inni arjaa fi gara laafessaatii;
inni dafee hin aaru; jaalalli isaa baayʼee dha;
inni badiisa erguu irraa of qusata.