46 Kanaafuu inni deebiʼee gara Qaanaa ishee Galiilaa keessaa iddoo itti bishaan gara daadhii wayiniitti geeddaree ture sanaa dhaqe. Qondaalli mootii kan ilmi isaa dhukkubsate tokkos Qifirnaahom keessa ture. 47 Namichi kunis yommuu akka Yesuus Yihuudaadhaa kaʼee Galiilaa dhufe dhagaʼetti isa bira dhaqee akka inni dhufee ilma isaa kan duʼuu gaʼe sana fayyisu isa kadhate.
48 Kana irratti Yesuus, "Isin yoo mallattoo fi dinqii argitan malee hin amantan!" isaan jedhe.
49 Qondaaltichis, "Yaa Gooftaa, maaloo utuu mucaan koo hin duʼin naa qaqqabi" jedheen.
50 Yesuusis, "Ilmi kee ni jiraataatii gali!" jedheen.
Namichis waan Yesuus isatti dubbate amanee deeme. 51 Utuu inni deemaa jiruus tajaajiltoonni isaa itti dhufanii akka ilmi isaa lubbuun jiru itti himan. 52 Innis yeroo itti mucaa isaatti wayyaaʼe gaafate; isaanis, "Kaleessa saʼaatii torbatti dhagna gubaan isa dhiise" jedhaniin.
53 Abbaan mucichaas akka yeroon sun yeroo Yesuus itti, "Ilmi kee ni jiraata" jedheen taʼe hubate. Kanaafuu innis, warri mana isaa hundinuus ni amanan.
54 Kun mallattoo lammaffaa Yesuus erga Yihuudaadhaa Galiilaa dhufee hojjetee dha.