66 Yeroo kanaa jalqabee barattoota isaa keessaa baayʼeen duubatti deebiʼan; ergasiis isa wajjin hin deemne.
67 Yesuusis warra Kudha Lamaaniin, "Isinis deemuu barbaadduu?" jedhee gaafate.
68 Simoon Phexrosis akkana jedhee deebise; "Yaa Gooftaa, gara eenyuu deemna? Ati dubbii jireenya bara baraa qabdaa. 69 Nu akka ati Qulqullicha Waaqaa taate amanneerra; beekneerras."