Mana Namicha Suphee Dhaʼu Tokkootti
1 Dubbiin Waaqayyo biraa gara Ermiyaas dhufe isa kanaa dha: 2 "Kaʼiitii gara mana namicha suphee dhaʼu sanaa dhaqi. Anis achitti dubbii koo sitti nan hima." 3 Kanaafuu ani gara mana namicha suphee dhaʼu sanaatti gad nan buʼe; innis geengoo irratti waa hojjechaa ture. 4 Okkoteen inni suphee irraa hojjechaa ture sun garuu harka isaatti fashalaaʼe; kanaafuu namichi suphee dhaʼu sun akkuma itti toletti suphee sanaan okkotee kan biraa hojjete.
5 Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 6 "Yaa mana Israaʼel, anis akkuma suphee dhooftuun kun hojjetu isin gochuu hin dandaʼuu?" jedha Waaqayyo. "Yaa mana Israaʼel, akkuma supheen harka suphee dhooftuu keessa jiru isinis harka koo keessa jirtu.