11 Yaada ani isiniif qabu anatu beekaatii; innis yaada nagaati malee yaada hamaa miti; akkasumas yaada abdiitii fi kan galgala keessaniif toluu dha" jedha Waaqayyo. 12 "Isinis na waammattu; dhuftaniis na kadhattu; anis isin nan dhagaʼa. 13 Isin yoo garaa keessan guutuudhaan na barbaaddan, na argattu. 14 Anis akka isin na argattan nan godha; boojuudhaa deebisees isin nan fida" jedha Waaqayyo. "Ani sabootaa fi lafa ani itti isin ariʼee ture hunda keessaa walitti isin qabee gara biyya ani keessaa baasee isin boojiʼamsiise sanaatti deebisee isinan fida" jedha Waaqayyo.