Pular para o conteúdo
Publicidade

Jó 1

Seensa

1 Biyya Uuzi jedhamu keessa nama Iyyoob jedhamu tokkotu ture. Namichi kunis nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Waaqa sodaatuu fi hammina irraa fagaate ture. 2 Innis ilmaan torbaa fi intallan sadii qaba ture; 3 akkasumas hoolota kuma torba, gaala kuma sadii, qotiyyoo cimdii dhibba shanii fi harroota dhibba shan, tajaajiltoota hedduus qaba ture; innis namoota biyya Baʼa Biiftuu jiraatan hunda keessaa nama guddaa ture.

Veja também