Xumura
7 Waaqayyo erga waan kana Iyyoobitti dubbatee booddee Eliifaaz Teemaanichaan akkana jedhe; "Sababii isin akka Iyyoob garbichi koo dubbate sana waaʼee koo waan qajeelaa hin dubbatiniif dheekkamsi koo siʼii fi michoota kee lamaanitti bobaʼeera. 8 Kanaafuu isin amma jiboota torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba fuudhaatii gara garbicha koo Iyyoob dhaqaatii waaʼee ofii keessaniitiif aarsaa gubamu dhiʼeessaa. Iyyoob garbichi koo isinii kadhata; ani kadhannaa isaa nan dhagaʼa; akka balleessaa keessaniittis isinitti hin muru. Isin akka Iyyoob garbichi koo dubbate sana waaʼee koo waan qajeelaa hin dubbanneetii."