Pular para o conteúdo
Publicidade

Luqaas 1

59 Isaanis guyyaa saddeettaffaatti daaʼima sana dhagna qabuu dhufan; Zakkaariyaas jedhaniis maqaa abbaa isaatiin isa moggaasuu fedhan. 60 Haati isaa garuu, "Lakkii! Inni Yohannis jedhamee waamamuu qaba" jette.

61 Isaanis, "Firoota kee keessa namni maqaa akkanaa qabu tokko iyyuu hin jiru" jedhaniin.

62 Namoonni sunis akka Zakkaariyaas eenyu jedhee daaʼima sana waamuu barbaadu beekuuf jedhanii mallattoon isa gaafatan. 63 Innis gabatee irratti barreessu kadhatee, "Maqaan isaa Yohannis" jedhee barreesse; hundi isaaniis ni dinqifatan. 64 Yommusuma afaan isaa banamee arrabni isaa hiikame; innis Waaqa galateeffachuudhaan dubbachuu jalqabe.

Veja também