Pular para o conteúdo
Publicidade

Luqaas 2

22 Akka Seera Museetti yeroon qulqullaaʼummaa isaanii geenyaan Yoosefii fi Maariyaam daaʼima sana Gooftaa duratti dhiʼeessuuf jedhanii isa fudhatanii Yerusaalemitti ol baʼan. 23 Akkuma Seera Gooftaa keessatti barreeffametti, "Dhiirri hangafni hundinuu gooftaaf ni qulqulleeffama."2:23 Bau 13:2,12 24 Isaanis akkuma Seerri Gooftaa jedhutti, "Gugee lama yookaan gugee sosookkee lama"2:24 Lew 12:8 aarsaa dhiʼeessuu dhaqan.

25 Kunoo, namichi qajeelaan Waaqa sodaatu kan maqaan isaa Simiʼoon jedhamu tokko Yerusaalem keessa ture. Innis jajjabeeffama Israaʼel eeggachaa ture; Hafuurri Qulqulluunis isa irra ture. 26 Hafuurri Qulqulluunis akka inni utuu Kiristoos Goofticha hin argin hin duune isatti mulʼisee ture. 27 Innis Hafuuraan qajeelfamee mana qulqullummaa seene. Abbaa fi haati Yesuus yommuu akka duudhaa seerichaatti waan barbaachisu isaaf guutuuf jedhanii Yesuus mucicha baadhatanii ol seenanitti, 28 Simiʼoon fuudhee isa hammatee akkana jedhee Waaqa galateeffate:

29 "Yaa Gooftaa, akkuma dubbii keetiitti,

ati garbicha kee amma nagaan geggeessis.

30 Iji koo fayyina kee isa ati

31 saba hundumaa duratti qopheessite argeera;

32 innis mulʼata Namoota Ormaatiif ifa;

saba kee Israaʼeliif immoo ulfina."

33 Abbaa fi haati isaas waan waaʼee isaa dubbatame sana ni dinqifatan. 34 Simiʼoonis isaan eebbise; haadha daaʼima sanaa Maariyaamiinis akkana jedhe; "Daaʼimni kun Israaʼel keessatti kufaatiidhaa fi kaʼumsa namoota baayʼeetiif sababii, mormii isa irratti dubbatamuufis mallattoo akka taʼu murteeffameera; 35 kunis akka yaadni garaa namoota baayʼee ifatti baʼuuf. Goraadeen lubbuu kee ni waraana."

36 Gosa Aasheer keessaas raajittii Haannaa jedhamtu tokkotu ture. Isheenis intala Faanuʼel turte; baayʼees jaartee turte; dhirsa ishee kan durbummaadhaan itti heerumte wajjin waggaa torba jiraatte; 37 isheenis hamma umuriin ishee waggaa 84 guuteetti haadha hiyyeessaa taatee jiraatte. Utuu mana qulqullummaatii hin dhabaminis soomaa fi kadhannaadhaan halkanii guyyaa waaqeffachaa turte. 38 Yeruma sanas isaanitti dhiʼaattee Waaqaaf galata galchite; warra furama Yerusaalem eeggachaa turan hundattis waaʼee daaʼima sanaa odeessite.

Veja também