25 Kunoo, namichi qajeelaan Waaqa sodaatu kan maqaan isaa Simiʼoon jedhamu tokko Yerusaalem keessa ture. Innis jajjabeeffama Israaʼel eeggachaa ture; Hafuurri Qulqulluunis isa irra ture. 26 Hafuurri Qulqulluunis akka inni utuu Kiristoos Goofticha hin argin hin duune isatti mulʼisee ture. 27 Innis Hafuuraan qajeelfamee mana qulqullummaa seene. Abbaa fi haati Yesuus yommuu akka duudhaa seerichaatti waan barbaachisu isaaf guutuuf jedhanii Yesuus mucicha baadhatanii ol seenanitti, 28 Simiʼoon fuudhee isa hammatee akkana jedhee Waaqa galateeffate:
29 "Yaa Gooftaa, akkuma dubbii keetiitti,
ati garbicha kee amma nagaan geggeessis.
30 Iji koo fayyina kee isa ati
31 saba hundumaa duratti qopheessite argeera;
32 innis mulʼata Namoota Ormaatiif ifa;
saba kee Israaʼeliif immoo ulfina."