Yesuus Qabamuu Isaa
47 Utuma inni amma iyyuu dubbachaa jiruus, tuunni namootaa tokko dhufe; namichi Yihuudaa jedhamu kan warra Kudha Lamaan keessaa tokko taʼe sunis isaan dura deemaa ture. Innis Yesuusin dhungachuuf itti dhiʼaate; 48 Yesuus garuu, "Yaa Yihuudaa, ati dhungoodhaan Ilma Namaa dabarsitee kennitaa?" jedhee gaafate.