40 Yakkituun kaan garuu akkana jedhee isa ifate; "Atis waan murtii wal fakkaatu jala jirtuuf, Waaqa illee hin sodaattuu? 41 Nu adabbii sirrii adabamaa jirra; gatii hojii keenyaaf malu argachaa jirraatii. Namichi kun garuu yakka tokko illee hin hojjenne."
42 Yesuusiinis, "Yaa Yesuus, yeroo mootummaa keetiin dhuftutti na yaadadhu" jedhe.
43 Yesuusis deebisee, "Ani dhuguman sitti hima; ati harʼa na wajjin jannatatti ni galta" jedheen.