Yesuus Nama Hedduu Fayyisuu Isaa
29 Isaanis akkuma mana sagadaatii baʼaniin Yaaqoobii fi Yohannis wajjin mana Simoonii fi Indiriiyaas dhaqan. 30 Haati niitii Simoonis dhukkuba dhagna gubaadhaan qabamtee ciifti turte; isaanis yommusuma waaʼee ishee Yesuusitti himan. 31 Innis dhaqee harka qabee ishee kaase. Dhagna gubaan sunis ishee dhiise; isheenis isaan tajaajiluu jalqabde.