6 Yesuus garuu akkana jedhe; "Ishee dhiisaa. Maaliif ishee rakkiftu? Isheen waan gaarii naaf gooteerti. 7 Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; isin yeroo feetan kamitti iyyuu isaan gargaaruu ni dandeessu. Ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan. 8 Isheen waan dandeessu hojjette. Isheen duraan dursitee dhagna koo awwaalaaf dibde.14:8 Yihuudoonni yommuu reeffa tokko awwaalaaf qopheessanitti shittootti fayyadamu ture (Mar 16:1). 9 Ani dhuguma isinittin hima; addunyaa hunda irratti, iddoo wangeelli itti lallabamu kamitti iyyuu wanni isheen gootes yaadannoo isheetiif ni odeeffama."
Publicidade