Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 13

13 Wanni ani akkana jedhee fakkeenyaan isaanitti dubbadhuufis kana:

"Isaan utuma ilaalanuu hin argan;

utuma dhaggeeffatanuus hin dhagaʼan yookaan hin hubatan.

14 Raajiin Isaayyaas dubbate sun isaan irratti raawwatameera; innis akkana jedha:

" Dhagaʼuu inuma dhageessu; garuu hin hubattan;

ilaaluus inuma ilaaltu; garuu hin qalbeeffattan.

15 Qalbiin saba kanaa doomeeraatii;

gurri isaanii sirriitti hin dhagaʼu;

ija isaaniis dunuunfataniiru.

Utuu akkas taʼuu baatee silaa ija isaaniitiin arganii,

gurra isaaniitiin dhagaʼanii,

qalbii isaaniitiinis hubatanii ni deebiʼu turan;

anis isaan nan fayyisa ture. 13:15 Isa 6:9,10

Veja também