Pular para o conteúdo
Publicidade

Mateus 15

3 Yesuusis akkana jedhee deebise; "Isinis maaliif duudhaa keessaniif jettanii ajaja Waaqaa cabsitu? 4 Waaqni, Abbaa keetii fi haadha keetiif ulfina kenni;15:4 Bau 20:12; KeD 5:16 namni abbaa isaa yookaan haadha isaa arrabsu kam iyyuu haa ajjeefamu15:4 Bau 21:17; Lew 20:9 jedheeraatii. 5 Isin garuu yoo namni kam iyyuu akka wanni silaa abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif kennamuu malu Waaqaaf kennameerajedhee dubbate, 6 inni waan sanaan abbaa isaatiif yookaan haadha isaatiif ulfina kennuu hin qabu jettu. Akkanaanis isin duudhaa keessaniif jettanii dubbii Waaqaa busheessitu.

Veja também