Nama Mootummaa Samii Keessatti Nama Hunda Caalu
1 Yeruma sana barattoonni gara Yesuus dhufanii, "Yoos mootummaa samii keessatti kan hundumaa caalu eenyu?" jedhanii gaafatan.
2 Innis mucaa xinnaa tokko ofitti waamee isaan gidduu dhaabe. 3 Akkanas jedhe: "Ani dhuguman isinitti hima; isin yoo deebitanii akkuma ijoollee taatan malee gonkumaa mootummaa samiitti hin galtan. 4 Kanaaf namni akka daaʼima kanaa gad of qabu kam iyyuu mootummaa samii keessatti nama hunda caala. 5 Namni daaʼima akkanaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata.
Fakkeenya Hoolaa Badee
10 "Warra xixinnaa kanneen keessaa tokko illee akka hin tuffanneef of eeggadhaa. Ani isinitti nan hima; ergamoonni isaanii samii irratti yeroo hunda fuula Abbaa koo isa samii irraa ni arguutii. [