Nama Mootummaa Shamaayʼun Keessatti Nama Hunda Caalu
1 Yeruma sana barattoonni gara Iisaa dhufanii, "Yoos mootummaa shamaayʼun keessatti kan hundumaa caalu eenyu?" jedhanii gaafatan.
2 Innis mucaa xinnaa tokko ofitti waamee isaan gidduu dhaabe. 3 Akkanas jedhe: "Ani dhuguman isinitti hima; isin yoo deebitanii akkuma ijoollee taatan malee gonkumaa mootummaa shamaayʼuniitti hin galtan. 4 Kanaaf namni akka daaʼima kanaa gad of qabu kam iyyuu mootummaa shamaayʼun keessatti nama hunda caala. 5 Namni daaʼima akkanaa tokko maqaa kootiin simatu kam iyyuu na simata.
Fakkeenya Hoolaa Badee
10 "Warra xixinnaa kanneen keessaa tokko illee akka hin tuffanneef of eeggadhaa. Ani isinitti nan hima; malaʼikkoonni isaanii shamaayʼun irratti yeroo hunda fuula Abbaa koo isa shamaayʼun irraa ni arguutii. [