Deebisanii Ijaaruu Irratti Mormiin Kaʼuu Isaa
1 Sanbalaaxi akka nu dallaa kana deebifnee ijaaraa jirru dhageenyaan aariin gubatee dheekkame. Innis Yihuudootatti qoosee 2 fuula obboloota isaa fi fuula loltoota Samaariyaa duratti akkana jedhe; "Yihuudoonni dadhaboonni kunneen maal hojjechaa jiru? Isaan dallaa isaanii deebisanii ijaaruu? Aarsaa illee ni dhiʼeessuu? Guyyaa tokko keessatti ni fixuu? Isaan waan akkas gubamee tuulame keessaa dhagaa fuudhanii akka duriitti deebisuu dandaʼuu?"
3 Xoobbiyaan namichi Amoon kan isa bira dhaabate sunis, "Waan isaan ijaaraa jiran kana, dallaa isaanii kan dhagaa kana waangoon iyyuu yoo yaabde ni jigsiti!" jedhe.