Eebba Lubootaa
22 Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; 23 "Aroonii fi ilmaan isaatti akkana jedhii himi; ‘Akki isin itti Israaʼeloota eebbiftan kanaa dha. Akkana jedhaanii:
24 " ‘ "Waaqayyo si haa eebbisu;
si haa eegus;
25 Waaqayyo fuula isaa siif haa ibsu;
garaa siif haa laafu.
26 Waaqayyo fuula isaa gara keetti haa deebisu;
nagaas siif haa kennu." ’
27 "Akkasitti isaan maqaa koo saba Israaʼel irra kaaʼu; anis isaan nan eebbisa."