17 Nama kamiif iyyuu hammina hamminaan hin deebisinaa. Nama hunda duratti waan gaarii hojjedhaa. 18 Yoo dandaʼame, gama keessaniin nama hunda wajjin nagaan jiraadhaa. 19 Yaa jaallatamtoota, dheekkamsa Waaqaatiif iddoo kennaa malee haaloo hin baʼinaa; Gooftaan, "Haaloo baasuun kan koo ti; ani gatii nan deebisa"12:19 KeD 32:35 jedha, jedhamee barreeffameeraatii. 20 Garuu,
"Yoo diinni kee beelaʼe, beela baasi;
yoo inni dheebotes, waan inni dhugu kenniif.
Kana gochuu keetiin barbadaa ibiddaa mataa isaa irra tuulta."12:20 Fak 25:21,22
21 Gaarummaan hammina moʼi malee hamminaan hin moʼamin.