20 Isheenis akkana isaaniin jette; "Naaʼomiin jettanii na hin waaminaa! Sababii Waaqni Waan Hunda Dandaʼu jireenya koo hadheesseef Maaraa jedhaatii na waamaa. 21 Ani harka guutuudhaan baʼe; Waaqayyo garuu harka duwwaa na deebise. Isin maaliif Naaʼomiin naan jettu? Waaqayyo na dhiphiseera; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu rakkina natti fideeraatii."