9 Allaahan akka nu karaa isaatiin jireenya argannuuf jedhee Ilma isaa tokkicha sana gara addunyaatti erge. Kanaanis jaalalli Allaaha nu gidduutti mulʼateera. 10 Jaalalli isa kana: Kunis nu Allaah jaallannee miti; garuu Allaahatu nu jaallatee akka inni aarsaa cubbuu keenyaaf araara buusu taʼuuf Ilma isaa erge.
16 Kanaafuu jaalala Allaahan nuuf qabu beekneerra; amanneerras.
Allaahan jaalala. Namni jaalalaan jiraatu Allaah keessa jiraata; Allaahanis isa keessa jiraata.