8 Warra of qaban taʼa; dammaqaas. Ibliis diinni keessan nama liqimsu barbaadee akkuma leenca aaduu nanaannaʼaatii. 9 Sababii akka obboloonni keessan warri addunyaa guutuu keessa jiraatan dhiphina akkasii dhiphachaa jiran beektaniif amantiitti jabaadhaatii isaan mormaa.
10 Allaahan ayyaana hundaa karaa Al-Masiihiin gara ulfina isaa kan bara baraatti isin waame sun erga isin yeroo gabaabaaf dhiphattanii booddee inni mataan isaa guutuu isin taasisa; isin dhaaba; isin jabeessas.