Publicidade

1 Timóteo 2

Qajeelcha Waaʼee waaqeffannaa

1 Egaa ani akka waammachuun, duʼaan, namaaf duʼaa gochuu fi galanni maqaa nama hundaatiin dhiʼeeffamu duraan dursee nan gorsa; 2 nus akka Allaah sodaachuu hundumaan, ulfinaanis jireenya nagaatii fi tasgabbiin jiraannuuf moototaa fi warra taayitaa qaban hundumaafis akkasuma haa godhamu. 3 Kunis gaarii dha; fuula Fayyisaa keenya Allaaha durattis fudhatamaa dha; 4 Allaahan akka namni hundinuu fayyuu fi akka dhugaa beekuu biras gaʼu barbaada. 5 Allaahan tokkicha; Allaaha fi nama gidduu immoo gidduu galeessa tokkotu jira; innis Al-Masiihi Iisaa isa nama taʼee dha; 6 Iisaan kunis isa furii taʼee nama hundaaf dabarsee of kennee dha; kunis yeroo isaatti mirkaneeffameera. 7 Sababii kanaaf ani lallabaa fi malaʼikkaa, Namoota Ormaatiif immoo barsiisaa amantii dhugaa taʼee muudameen jira. Ani dhugaa dubbadha; hin sobu.

8 Kanaafuu ani akka dhiironni iddoo hundatti dheekkamsaa fi wal mormii malee harka qulqullaaʼaa ol fudhatanii duʼaa gootan nan barbaada. 9 Akkasumas dubartoonni akka hin malletti mataa dhaʼachuun, warqee yookaan lula naqachuun yookaan uffata gatii guddaa uffachuun utuu hin taʼin akka of qabuu fi naamusaaf taʼutti uffatanii akka of miidhagsan nan barbaada; 10 isaanis akkuma dubartoota, "Nu Allaah sodaanna" jedhaniitti waan gaarii haa hojjetan.

11 Dubartiin waan hundaan ajajamuun calʼistee haa barattu. 12 Ani akka dubartiin calʼistu malee akka barsiiftu yookaan akka dhiira irratti taayitaa qabaattu hin eeyyamu. 13 Sababiin isaas Aadam jalqabatti uumame; Haawaan immoo ergasii uumamte. 14 Aadam hin gowwoomfamne; dubartittiin garuu gowwoomfamtee seera cabsite. 15 Taʼus dubartoonni yoo amantiin, jaalalaa fi qulqullinaan, naamusaan jiraatan ijoollee daʼuudhaan ni fayyu.

Veja também

Publicidade
1 Timóteo
Ver todos os capítulos de 1 Timóteo
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-