Publicidade

1 Timóteo 3

Ulaagaa Phaaphaasotaa fi Daaqonootaa

1 Jechi, "Eenyu iyyuu yoo Phaaphaasii taʼuu hawwe, hojii gaarii hawwa" jedhu kun amanamaa dha. 2 Egaa Phaaphaasiin kan mudaa hin qabne, kan niitii tokkittii qabu, amala qabeessa, kan of qabu, kabajamaa, kan keessummaa simatu, kan barsiisuu dandaʼu, 3 kan hin machoofne, kan goolii kaasu utuu hin taʼin obsa qabeessa, kan lola hin jaallannee fi kan maallaqa hin jaallanne taʼuu qaba. 4 Innis maatii ofii isaa sirriitti bulfatee akka ijoolleen isaa kabaja maluun isaaf ajajaman mirkaneessuu qaba. 5 Namni tokko yoo maatii ofii isaa akka itti bulfatu hin beekne inni akkamitti waldaa kiristaanaa Allaaha eeguu dandaʼaa? 6 Inni akka of jajuudhaan afuufamee murtii ibliis keessatti hin kufneef nama dhiʼoo amane hin taʼin. 7 Innis akka hin tuffatamnee fi akka kiyyoo ibliis keessattis hin kufneef warra alaa biratti maqaa gaarii haa qabaatu.

8 Daaqonoonnis akkasuma namoota kabajaman, warra afaan lama hin dubbanne, warra dhugaatii daadhii wayiniitiin hin fudhatamnee fi warra buʼaa hin malle argachuuf hin tattaaffanne taʼuu qabu. 9 Yaada qulqulluunis icciitii amantii jabeessanii qabachuu qabu. 10 Isaanis duraan dursanii haa qorataman; ergasiis yoo mudaan tokko iyyuu isaan irratti hin argamin daaqonoota taʼanii haa tajaajilan.

11 Akkasumas dubartoonni isaanii kabajamoo, kanneen maqaa nama hin balleessine, amala qabeeyyii fi waan hundaan amanamoo taʼuu qabu.

12 Daaqoniin tokko dhirsa niitii tokkittii, kan ijoollee isaatii fi warra mana isaa jiraatan sirriitti bulchu taʼuu qaba. 13 Warri daaqonummaan sirriitti tajaajilan ulfina guddaa, amantii Al-Masiihi Iisaatti qabaniin immoo ija jabina guddaa argatu.

Sababii Phaawulos Qajeelcha Kennuuf

14 Ani akkan dafee gara kee dhufu abdadhee qajeelfama kana siif nan barreessa; 15 kanas tarii yoo ani ture, namni tokko akkamitti akka mana Allaaha keessa jiraachuu qabu akka beektuufin siif barreessa; manni Allaaha kunis waldaa Allaah jiraataa isa utubaa fi hundee dhugaa taʼee dha. 16 Allaahatti buluun shakkii tokko malee icciitii guddaa of keessaa qaba; kunis,

Inni fooniin mulʼate;

Hafuuraan mirkaneeffame;

malaʼikkoota Allaahatu isa arge;

saboota keessatti lallabame;

addunyaa irratti itti amaname;

ulfinaan ol fudhatame.

Veja também

Publicidade
1 Timóteo
Ver todos os capítulos de 1 Timóteo
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-