1 Bara durii Allaahan yeroo baayʼee fi karaa adda addaatiin nabiiʼiyyootaan abbootii keenyatti dubbatee ture; 2 bara dhumaa kana keessa garuu Ilma isaa kan inni dhaaltuu waan hundumaa godhee muudeen nutti dubbate; isumaanis addunyaawwan uume. 3 Ilmi calaqqisa ulfina Allaaha ti; eenyummaa Allaahas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee shamaayʼun irra mirga Allaah ulfina qabeessa sanaa taaʼe. 4 Akkuma maqaan inni dhaale sun kan malaʼikkootaa caalaa guddaa taʼe sana innis malaʼikkoota caalaa guddaa dha.
5 Allaahan malaʼikkoota keessaa isa kamiin,
"Ati Ilma koo ti;
ani harʼa si dhalcheera"1:5 Zab 2:7
Yookaan isa kamiin,
"Ani isaaf Abbaa nan taʼa;
innis Ilma naa taʼa"1:5 2Sm 7:14; 1Sn 17:13
jedhee beeka? 6 Akkasumas Allaahan yommuu Ilma isaa hangafa gara addunyaa kanaatti ergutti,
"Malaʼikkoonni Allaaha hundi isa haa waaqeffatan"1:6 KeD 32:43
jedha. 7 Yommuu waaʼee malaʼikkootaa dubbatus,
"Inni malaʼikkoota isaa hafuurota,
tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha"1:7 Zab 104:4
jedha. 8 Waaʼee Ilmaa garuu akkana jedha;
"Yaa Allaah, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata;
bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.
9 Ati qajeelummaa jaallatte; jalʼina immoo ni jibbite;
kanaafuu Allaahan, Allaahan kan kee zayitii gammachuutiin si dibee,
hiriyoota kee si caalchise."1:9 Zab 45:6,7
10 Akkasumas inni akkana jedha;
"Yaa Gooftaa, ati jalqabatti lafa hundeessite;
shamaayʼuniiwwanis hojii harka keetii ti.
11 Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta;
hundumti isaanii akkuma uffataa ni moofaʼu;
12 ati akkuma wayyaatti isaan marta;
isaan akkuma uffataatti geeddaramu;
ati garuu sanuma;
umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu."1:12 Zab 102:25-27
13 Allaahan malaʼikkoota keessaa isa kamiin,
"Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti,
gara mirga koo taaʼi"1:13 Zab 110:1
jedhe? 14 Malaʼikkoonni hundinuu hafuurota tajaajilan kanneen warra fayyina dhaalan tajaajiluuf ergaman mitii?