15 Akkuma Phaawulos obboleessi keenya jaallatamaan sun ogummaa Allaahan kenneefiin isinii barreesse sana akka obsi Gooftaa keenyaa fayyina taʼe yaadatti qabadhaa. 16 Innis waaʼee waan kanaa dubbatee xalayoota isaa hunda keessatti haaluma kanaan barreessa. Xalayoota isaa keessas waan hubachuun nama rakkisu tokko tokkotu jira; wallaaltonnii fi warri jabaatanii hin dhaabanne akkuma Katabbiiwwan Qulqulluu kaan jalʼisan sana kanas badiidhuma ofii isaaniitiif ni jalʼisu.
Publicidade
Publicidade