Publicidade

2 Timóteo 1

1 Phaawulos isa akkuma waadaa jireenya karaa Al-Masiihi Iisaatiin galame sanaatti fedhii Allaahatiin ergamaa Al-Masiihi Iisaa taʼe irraa,

2 Gara Xiimotewos, ilma koo jaallatamaatti:

Abbaa keenya Allaaha fi Gooftaa keenya Al-Masiihi Iisaa irraa ayyaanni, araarrii fi nagaan siif haa taʼu.

Galateeffachuu

3 Ani yommuu utuu gargar hin kutin halkanii guyyaa duʼaa koo keessatti si yaadadhutti Allaah akkuma abbootii kootii anis yaada qulqulluun isa waaqeffadhu sana nan galateeffadha. 4 Ani yommuun imimmaan kee yaadadhutti akka gammachuudhaan guutamuuf guddisee si arguu nan hawwa. 5 Ani amantii kee isa dhugaa sana nan yaadadha; amantiin kunis jalqabatti akkoo kee Looʼisii fi haadha kee Ewuunqee keessa ture; amma immoo akka si keessa jiru nan amana.

Akka Phaawulosii fi Injiilaaf Of Kennaniif Sossobachuu

6 Sababii kanaaf ani akka ati kennaa Allaaha kan yeroo ani harka koo sirra kaaʼetti siif kenname sana akka ibiddaatti akka qabsiiftuuf sin yaadachiisa. 7 Allaahan hafuura humnaa, kan jaalalaatii fi kan of dhowwuu nuu kenne malee hafuura sodaa nuuf hin kennineetii. 8 Kanaafuu waaʼee Gooftaa keenyaa dhugaa baʼuutti yookaan ana nama isaaf jedhee hidhametti hin qaanaʼin. Injiilaaf dhiphachuu keessatti garuu humna Allaahatiin na wajjin hirmaadhu; 9 Allaahan sababii kaayyoo isaatii fi sababii ayyaana isaatiif nu fayyisee gara jireenya qulqulluutti nu waame malee sababii hojii nu hojjenne kamiif iyyuu miti. Ayyaanni kunis uumama addunyaatiin dura karaa Al-Masiihi Iisaatiin nuu kenname; 10 amma garuu ayyaanni sun dhufaatii Fayyisaa keenya Al-Masiihi Iisaa isa karaa injiilaatiin duʼa balleessee jireenyaa fi badiisa ooluu ifatti baase sanaatiin mulʼifameera. 11 Anis injiila kanaaf lallabaa, ergamaa fi barsiisaa taʼee muudameera. 12 Anis akka amma jiru kanatti dhiphachuun koo kanumaaf. Ani garuu eenyun akka amane waan beekuuf hin qaanaʼu; akka inni waan ani imaanaa itti kennadhe hamma guyyaa sanaatti eeguu dandaʼus nan amana.

13 Waan narraa dhageesse sana akka fakkeenya barsiisa dhugaatti amantii fi jaalala Al-Masiihi Iisaatiin qabdu jabeessii qabadhu. 14 Waan gaarii imaanaa sitti kenname sana gargaarsa Hafuura Qulqulluu nu keessa jiraatu sanaatiin eegi.

Fakkeenya Of Kennuu Dhabuu fi Of Kennuu

15 Namoonni biyya Asiyaa keessa jiraatan hundinuu akka narraa gara galan ni beekta; Fiigeloosii fi Hermoogenees isaan keessa jiru.

16 Oneesifooros yeroo baayʼee waan na boqochiiseef Gooftaan warra mana isaa jiraataniif araara haa buusu; inni hidhamuu kootti illee hin qaanofneetii. 17 Akkasumas inni yeroo Roomaa dhufetti hamma na argutti dhimmee na barbaadaa ture. 18 Akka inni guyyaa sanatti Gooftaa irraa araara argatuuf fedhii Gooftaa haa taʼu! Inni Efesoon keessatti karaa baayʼeen akka na tajaajile ati iyyuu sirriitti beekta.

Veja também

Publicidade
2 Timóteo
Ver todos os capítulos de 2 Timóteo
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-