1 Bara Daariyoos ilma Ahashweroos namicha Meedee kan mootummaa Kaldootaa irratti bulchaa taasifame sanaa keessa waggaa tokkoffaatti 2 bara mootummaa isaa keessa waggaa tokkoffaatti ani Daaniʼel dubbii Rabbii Allaah kan Ermiyaas nabiiʼiyyichaaf kenname irraa akka Yerusaalem waggaa torbaatamaaf ontee turtu kitaabota qulqulluu irraa nan hubadhe. 3 Kanaafuu ani deebii barbaadee duʼaa fi waammataan, soomaan, wayyaa gaddaa uffachuudhaa fi daaraa keessa taaʼuudhaan gara Allaah Gooftichaatti nan deebiʼe.
4 Anis Rabbii Allaah kootti duʼaa dhiʼeessee akkana jedheen cubbuu saba kootii himadhe:
"Yaa Gooftaa, Allaah guddaa fi akka malee sodaachisaa kan warra si jaallatanii ajaja kee eegan hundaaf kakuu jaalala keetii eegdu, 5 nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerras. Nu jalʼoota turre; fincilleerras; ajajaa fi seera kee irraa garagalleerra. 6 Nu tajaajiltoota kee nabiiʼiyyoota warra maqaa keetiin mootota keenyatti, ilmaan mootota keenyaatti, abbootii keenyaa fi saba lafaa hundatti dubbatan sana hin dhaggeeffanne.
7 "Yaa Gooftaa, ati qajeelaa dha; garuu nu namoonni Yihuudaa, sabni Yerusaalemii fi Israaʼel kanneen ati sababii amanamummaa dhabuu keenyaatiin biyyoota dhiʼoo fi fagoo keessa bittinneessite hundi harʼa qaaniidhaan haguugamneerra. 8 Rabbii Allaah nuu fi mootonni keenya, ilmaan moototaatii fi abbootiin keenya waan cubbuu sitti hojjenneef qaaniidhaan haguugamneerra. 9 Yoo nu isatti fincillee jiraanne iyyuu Allaahan keenya Gooftichi araara qabeessa; dhiifamas namaaf godha; 10 nu Rabbii Allaah keenyaaf hin ajajamne yookaan seera isaa kan inni karaa tajaajiltoota isaa nabiiʼiyyootaatiin nuuf kenne sana hin eegne. 11 Israaʼeloonni hundinuu siif ajajamuu diduudhaan seera kee cabsaniiru; sirraa garagalaniirus.
"Kanaafuu sababii nu cubbuu sitti hojjenneef abaarsaa fi kakuun Seera Muusaa garbicha Allaaha sanaa keessatti barreeffame nurratti dhangalaʼe. 12 Ati balaa guddaa nutti fiduudhaan dubbii nuu fi bulchitoota keenya irratti dubbatame sana raawwatteerta. Wanni akka waan Yerusaalem irratti taʼe sanaa takkumaa guutummaa shamaayʼuniitii gaditti taʼee hin beeku. 13 Akkuma Seera Muusaa keessatti barreeffametti balaan kun hundi nutti dhufeera; taʼu iyyuu nu qalbii jijjiirrannee dhugaa duukaa buʼuudhaan Rabbii Allaah keenya irraa araara hin barbaanne. 14 Rabbii Allaahan balaa nutti fiduu irraa duubatti hin deebine; Rabbii Allaahan keenya waan hojjetu hundaan qajeelaadhaatii; nu garuu isaaf hin ajajamne.
15 "Egaa amma yaa Allaah keenya Gooftaa, kan irree jabaadhaan saba kee biyya Gibxi baaftee akka maqaan kee akkuma harʼa jiru kana beekamu goote, nu cubbuu hojjenneerra; balleessineerras. 16 Yaa Gooftaa, akkuma hojii kee qajeelaa sana hundaatti Yerusaalem magaalaa keetii fi gaara kee qulqulluu irraa aarii fi dheekkamsa kee deebisi. Cubbuun keenyaa fi balleessaan abbootii keenyaa namoota naannoo keenya jiraatan hunda biratti akka Yerusaalemii fi sabni kee waan kolfaa taʼan godheera.
17 "Egaa yaa Allaah keenya, duʼaa fi waammata garbicha keetii dhagaʼi. Yaa Gooftaa, ulfina keetiif jedhiitii fuula kee gara iddoo kee qulqulluu one sanaatti deebisi. 18 Yaa Allaah ko, gurra itti qabii dhagaʼi; ija kee banadhuutii badii keenyaa fi magaalaa Maqaan kee ittiin waamame sana ilaali. Nu utuu waaʼee qajeelummaa keenyaatiif hin taʼin sababii araara kee guddaa sanaatiif si duratti duʼaa godhanna. 19 Yaa Gooftaa dhaggeeffadhu! Yaa Gooftaa dhiifama nuu godhi! Yaa Gooftaa dhagaʼiitii waa hojjedhu! Yaa Allaah ko, sababii magaalaan keetii fi sabni kee Maqaa keetiin waamamuuf ati hin turin."
20 Utuu ani dubbichaa fi duʼaa godhachaa, cubbuu kootii fi cubbuu saba koo Israaʼel himachaa, tulluu isaa qulqulluufis Rabbii Allaah koo gaafachaa jiruu, 21 utuu ani amma illee duʼaa irra jiruu, Jibriil namichi ani mulʼata koo duraa keessatti arge sun, yeroo aarsaa galgalaatti ariitiidhaan barrisaa gara koo dhufe. 22 Innis akkana jedhee na barsiise; akkanas naan jedhe; "Yaa Daaniʼel ani amma ogummaa fi hubannaa siif kennuuf dhufeera. 23 Akkuma ati Allaah duratti duʼaa godhachuu jalqabdeen deebiin ani sitti himuuf dhufe kun siif kenname; ati akka malee jaalatamaadhaatii. Kanaafuu ergaa kana qalbeeffadhuutii mulʼata sana hubadhu:
24 "Dogoggora hambisuuf, cubbuu balleessuuf, araara yakkaa buusuuf, qajeelummaa bara baraa fiduuf, mulʼataa fi raajii chaappaadhaan cufuuf, Iddoo Iddoo Hunda Caalaa Qulqulluu taʼe sana dibuuf saba keetii fi magaalattii qulqulluu keetiif ‘torban’ torbaatamni labsameera.
25 "Waan kana beeki; hubadhus: Gaafa labsiin Yerusaalemin haaromsuu fi deebisanii ijaaruuf labsame kun baʼee jalqabee hamma bulchaan Al-Masiihii Bulchaan dhufutti ‘torban’ torbaatamaa fi torban jaatamii lama taʼa. Isheen daandiiwwanii fi dallaa wajjin ni haaromfamti; garuu wanni kun yeroo rakkinaa keessa taʼa. 26 ‘Torban’ jaatamii lama booddee Al-Masiihiin ni ajjeefama; wanni tokko iyyuu isaaf hin hafu. Namoonni bulchaa dhufuuf jiru tokkoo magaalaa sanaa fi iddoo qulqulluu ni barbadeessu. Dhumnis akkuma lolaatti dhufa: Waraanni hamma dhumaatti itti fufa; badiisnis labsameera. 27 Bulchaan kunis ‘Torban’ tokkoof namoota baayʼee wajjin kakuu godhata; walakkaa ‘Torban’ sanaatti aarsaa fi kennaan akka hafu godha. Innis hamma wanni labsame sun isa irratti dhangalaʼutti waan xuraaʼaa badiisa fidu mana qulqullummaa gubbaa ni dhaaba."