1 Wantoota kanneen booddee bara Arxeksis mooticha Faares keessa Izraan ilmi Seraayaa, ilmi Azaariyaa ilmi Hilqiyaa, 2 ilmi Shaluum, ilmi Zaadoq, ilmi Ahiixuub, 3 ilmi Amariyaa, ilmi Azaariyaa, ilmi Meraayoot, 4 ilmi Zeraayaa, ilmi Uzii, ilmi Bukii, 5 ilmi Abiishuuwaa, ilmi Fiinehaas, ilmi Eleʼaazaar, ilmi Haaruun lubicha ol aanaa 6 Izraan kun Baabilonii dhufe. Innis barsiisaa Seera Muusaa kan Rabbii Allaahan Israaʼel kenne sana sirriitti beekuu dha. Sababii harki Rabbii Allaah isaa isa irra tureef mootichi waan inni duʼaa godhate hunda ni kenneef. 7 Akkasumas waggaa torbaffaa bara Arxeksis Mootichaa keessa Israaʼeloonni tokko tokko jechuunis luboonni, Lewwonni, faarfattoonni, eegdonni karraa fi tajaajiltoonni mana qulqullummaa gara Yerusaalemitti ol baʼan.
8 Izraanis waggaa torbaffaa bara mootii sanaa keessa jiʼa shanaffaatti Yerusaalem gaʼe. 9 Innis bultii tokkoffaa jiʼa jalqabaatti karaa isaa Baabilonii jalqabee bultii tokkoffaa jiʼa shanaffaatti Yerusaalem gaʼe; harki Allaah isaa tolaan sun isa irra tureetii. 10 Izraan Seera Rabbii Allaah quʼachuu fi eeguudhaaf akkasumas labsii fi ajaja seerichaa Israaʼel keessatti barsiisuudhaaf of kennee tureetii.
11 Kun garagalcha xalayaa Arxeksis Mootichi Izraa lubichaa fi barsiisaa, namicha waaʼee ajajaa fi labsiiwwan Rabbii Allaahan Israaʼeliif kenne sanaa baratetti ergee ti:
12 Arxeksis mootii moototaa irraa;
Gara Izraa lubicha, barsiisaa Seera Allaah shamaayʼuniitti:
Nagaan siif haa taʼu.
13 Ani amma akka namni Israaʼel kan mootummaa koo keessa jiraatu kam iyyuu luboonnii fi Lewwonni illee abbaan si wajjin Yerusaalem dhaquu barbaadu dhaquu dandaʼu labseera. 14 Ati akka akkuma Seera Allaah keetii kan harka kee jiru sanaatti waaʼee Yihuudaa fi Yerusaalem qorattuuf mootichaa fi gorsitoota isaa torbaan ergamteerta. 15 Kana irrattis meetii fi warqee mootichii fi gorsitoonni isaa Allaah Israaʼel kan Yerusaalem keessa jiraatuuf toluma kennan sana fuudhii deemi; 16 waan kanas meetii fi warqee kutaa biyya Baabiloniitii walitti qabde hundaa fi kennaa sabnii fi luboonni mana qulqullummaa Allaah isaanii kan Yerusaalem keessaaf fedhiidhaan kennan wajjin fuudhii dhaqi. 17 Maallaqa kanaanis jiboota, korbeeyyii hoolaa fi xobbaallaa hoolaa, kennaa midhaanii fi dhibaayyuu isaanii wajjin bitaatii iddoo aarsaa mana qulqullummaa Allaah keessanii kan Yerusaalem sana irratti dhiʼeessaa.
18 Ergasii atii fi obboloonni kee Yihuudoonni meetii fi warqee hafe akkuma fedhii Allaah keessaniitti waanuma gaarii isinitti fakkaate irra oolchaa. 19 Miʼa waaqeffannaa mana qulqullummaa Allaah keetii keessaaf imaanaa sitti kenname hunda Allaah Yerusaalem duratti dhiʼeessi. 20 Waan mana qulqullummaa Allaah keetiif barbaadamu kan kennuu feetu hunda mankuusa mootii keessaa fuudhii kenni.
21 Egaa ani Arxeksis Mootichi akka qabdoonni maallaqaa kanneen Gama Laga Efraaxiis jiran waan Izraan lubichi, barsiisaan Seera Allaah shamaayʼun kun isin gaafatu hunda arjummaadhaan isaaf kennan ajajeera; 22 kunis hamma meetii taalaantii dhibba tokko, qamadii qoroosii dhibba tokko, daadhii wayinii baadoosii dhibba tokko, zayitii ejersaa baadoosii dhibba tokkoo fi soogidda hamma hin qabne haa taʼu. 23 Wanni Allaahan shamaayʼun ajaje kam iyyuu mana qulqullummaa Allaah shamaayʼuniitiif of eeggannaadhaan haa godhamu. Maaliif dheekkamsi mootichaa fi ilmaan mootichaatti dhufa? 24 Amma illee isin akka luboota, Lewwota, faarfattoota, eegdota karraa, tajaajiltoota mana qulqullummaa yookaan hojjettoota mana Allaaha kana keessa hojjetan kamitti iyyuu gibira, qaraxaa fi ashuuraa murteessuuf aangoo hin qabne beekaa.
25 Egaa Izraa, ati akkuma ogummaa Allaah keetii kan harka kee jiru sanaatti akka isaan warra Gama Laga Efraaxiis jiraatan bulchaniif abbootii seeraa fi abbootii murtii kanneen hundi isaanii seera Allaah keetii beekan muudi. Nama seera Allaaha hin beekne kam iyyuus barsiisi. 26 Namni seera Allaah keetiitiif yookaan seera mootichaatiif hin ajajamne kam iyyuu dhugumaan ajjeechaadhaan, biyya keessaa ariʼamuudhaan, qabeenyi isaa irraa dhaalamuudhaan yookaan hidhaadhaan adabamuu qaba.
27 Rabbii Allaahan abbootii keenyaa kan akka inni karaa kanaan mana Rabbii Allaah kan Yerusaalem keessa jiruuf ulfina kennuuf garaa mootichaa keessa yaada kana kaaʼe sun haa galateeffamu; 28 Allaah fuula mootichaa, fuula gorsitoota mootichaa fi fuula qondaaltota mootichaa ciccimoo hundaa duratti gaarummaa ofii isaa na argisiiseef galanni haa gaʼu. Sababii harki Rabbii Allaah koo anarra tureef ani jajjabaadheen akka isaan na wajjin deemaniif Israaʼel keessaa namoota bebeekamoo walitti nan qabadhe.