Publicidade

Esdras 1

Labsii Qiiros

1 Rabbii Allaahan akka dubbiin Rabbii Allaah kan afaan Ermiyaasiin dubbatame sun raawwatamuuf jedhee bara Qiiros mooticha Faares keessa waggaa jalqabaatti akka inni mootummaa isaa hunda keessa labsii tokko dabarsuu fi akka labsiin sunis barreeffamuuf hafuura Qiiros mooticha Faares ni kakaase; labsiin sunis akkana jedha:

2 "Qiiros mootichi Faares akkana jedha:

" ‘Rabbii Allaahan shamaayʼun mootummoota lafa irraa hunda naaf kenneera; akka ani Yihuudaa keessatti Yerusaalemitti mana qulqullummaa isaaf ijaaruufis na muudeera. 3 Saba isaa keessaa nama gidduu keessanitti argamu kam iyyuu Allaahan isaa isa wajjin haa taʼu; innis gara Yerusaalem ishee Yihuudaa keessaa sanaa ol baʼee mana qulqullummaa Rabbii Allaah Israaʼel, Allaah Yerusaalem keessa jiraatu sanaa haa ijaaru. 4 Warra hafanii iddoo kam iyyuu jiraatan hundaaf sabni biyya isaan keessa jiraatan sanaa kennaa fedhiidhaan mana qulqullummaa Allaaha kan Yerusaalem keessa jiru sanaaf kennuu irratti dabalee meetii fi warqee, miʼaa fi horii gumaachuudhaan isa haa gargaaran.’ "

5 Ergasii hangafoonni maatii Yihuudaa fi Biniyaam, luboonnii fi Lewwonni jechuunis namoonni Allaahan garaa isaanii kakaase hundi dhaqanii mana Rabbii Allaah kan Yerusaalem keessaa sana ijaaruuf qophaaʼan. 6 Olloonni isaanii hundinuus kennaa fedhiidhaan kennan irratti dabalanii miʼa meetii fi warqee, qodaa fi horii akkasumas kennaawwan gatii guddaa baasan gumaachuudhaan isaan gargaaran.

7 Kana malees Qiiros Mootichi miʼoota mana qulqullummaa Rabbii Allaah kanneen Nebukadnezar Yerusaalemii guurratee mana Allaah isaa keessa kaaʼatee ture sana gad ni baase. 8 Qiiros mootichi Faares akka Mitredaat itti gaafatamaan qabeenyaa sun miʼa sana fidee Sheeshbazaar bulchaa Yihuudaatiif lakkaaʼu godhe.

9 Miʼoonni sunis:

saanii warqee 30,

saanii meetii 1,000,

distii meetii 29,

10 waciitii warqee 30,

waciitii meetii kan qadaada qabu 410,

miʼa gosa biraa 1,000.

11 Walumaa galatti miʼa warqeetii fi kan meetii 54,000 ture.

Sheeshbazaaris miʼoota kanneen hunda yeroo boojiʼamtoota Baabilonii baasee Yerusaalemitti geessetti guuree deeme.

Veja também

Publicidade
Esdras
Ver todos os capítulos de Esdras
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-