Publicidade

Gálatas 1

Nagaa Gaafachuu

1 Phaawulos ergamticha isa utuu namoota biraa yookaan namaan hin taʼin garuu Iisaa Al-Masiihii fi Allaah Abbaa isa Iisaa warra duʼan keessaa kaaseen ergamee fi 2 obboloota na wajjin jiran hundumaa irraa,

Gara Waldoota Kiristaanaa Galaatiyaatti:

3 Abbaa keenya Allaaha fi Iisaa Al-Masiihi Gooftaa irraa ayyaanni isiniif haa taʼu. Assalaam aleeyikum; 4 inni akka fedhii Abbaa keenyaa fi Allaah keenyaatti bara hamaa kana jalaa nu oolchuuf jedhee cubbuu keenyaaf of kenne; 5 ulfinni bara baraa hamma bara baraatti isaaf haa taʼu. Ameen.

Injiilli Kan Biraa Hin jiru

6 Akkana ariifattanii isa karaa ayyaana Al-Masiihiin isin waame sana dhiisuudhaan injiila biraa duukaa buʼuun keessan baayʼee na dinqeera; 7 injiilli biraa illee hin jiru. Garuu namoonni isin dogoggorsanii injiila Al-Masiihii jalʼisuu yaalan tokko tokko jiru. 8 Nus taanaan yookaan yoo malaʼikkaan Allaaha shamaayʼun irraa dhufe tokko injiila nu kanaan dura isinitti lallabne sana irraa adda taʼe isinitti lallabe, inni bara baraan haa abaaramu! 9 Akkuma nu kanaan dura jenne ani ammas irra deebiʼee nan dubbadha; yoo eenyu iyyuu injiila isin kanaan dura fudhattan sana irraa adda taʼe isinitti lallabe inni abaaramaa haa taʼu!

10 Ani amma nama biratti moo Allaah biratti fudhatama argachuu yaalaan jira? Yookaan nama gammachiisuu nan yaalaa? Ani utuun hamma ammaatti nama gammachiisuu yaalee silaa tajaajilaa Al-Masiihii hin taʼu ture.

Phaawulos Waamamuu Isaa

11 Yaa obboloota, injiilli ani lallabe sun nama irraa akka hin dhufin isin akka beektan nan barbaada. 12 Ani injiilicha mulʼataan Iisaa Al-Masiihi irraa fudhadhe malee nama tokko irraa illee hin fudhanne; yookaan namni na hin barsiifne.

13 Akka ani yeroon amantii Yihuudootaa duukaa buʼaa turetti waldaa kiristaanaa Allaaha akka malee ariʼachaa fi balleessuufis yaalaa ture dhageessaniirtu. 14 Ani amantii Yihuudootaatiin warra saba koo keessaa hiriyoota koo taʼan baayʼee nan caala ture; duudhaa abbootii kootiifis akka malee nan hinaafa ture. 15 Garuu yommuu Allaahan gadameessa haadha kootii jalqabee na filatee fi ayyaana isaatiin na waame sun, 16 akka ani Namoota Ormaa gidduutti waaʼee Ilma isaa lallabuuf isa natti mulʼisuu jaallatetti ani nama tokkoon iyyuu hin mariʼanne. 17 Ani warra anaan dura ergamoota turan arguuf Yerusaalemitti ol hin baane; garuu yeruma sana biyya Arabaan dhaqe. Ergasiis Damaasqoottin deebiʼe.

18 Ergasiis anis waggaa sadii booddee Keefaan wal baruuf jedhee Yerusaalemitti ol baʼe; guyyaa kudha shanis isa biran ture. 19 Ani garuu Yaaʼikuub obboleessa Gooftaa malee ergamoota kaan keessaa tokko illee hin argine. 20 Wanti ani isinii barreessu akka soba hin taʼin kunoo fuula Allaaha duratti isiniifin mirkaneessa.

21 Ergasiis ani gara Sooriyaa fi biyya Kiilqiyaan dhaqe. 22 Waldoonni Al-Masiihii warri Yihuudaa kanneen Al-Masiihitti jiranis fuula koo arganii hin beekan. 23 Isaanis oduu, "Namichi duraan nu ariʼachaa ture sun amma immoo amantiidhuma dur balleessuuf yaalaa ture sana lallabaa jira" jedhu qofa dhagaʼan. 24 Isaanis sababii kootiif Allaahaf ulfina kennan.

Veja também

Publicidade
Gálatas
Ver todos os capítulos de Gálatas
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-