Publicidade

Gálatas 2

Phaawulos Fudhatama Argachuu Isaa

1 Ani waggaa kudha afur booddee deebiʼee Yerusaalemitti ol baʼe; ani yeroo kana Barnaabaas wajjinin ture. Tiitoo illee of duukaa fudhadhee dhaqe. 2 Ani mulʼataanin ol baʼe; injiila Namoota Ormaa gidduutti lallabus isaaniif nan ibse. Kanas akka fiigichi koo kan duraa, kan ammaas akkasumaan hin hafne waan sodaadheef kophaatti warra dura buʼoota fakkaatanittin hime. 3 Garuu Tiitoon inni ana wajjin ture iyyuu utuma nama Giriik taʼee jiruu akka dhagna qabatu hin dirqisiifamne. 4 Kunis sababii obboloota sobaa tokko tokko bilisummaa nu karaa Al-Masiihi Iisaatiin arganne basaasuu fi nu garboomfachuuf dhokatanii nu gidduu galaniif taʼe. 5 Nus akka dhugaan injiilaa isin bira jiraatuuf jennee battala tokkoof illee isaaniif hin ajajamne.

6 Waaʼeen warra gurguddaa fakkaatan sanaa yoo isaan waanuma fedhan taʼan iyyuu anaaf homaa miti; Allaahan fuula namaa ilaalee nama wal hin caalchisu; namoonni kunneen ergaa koo irratti waan tokko hin daballe. 7 Karaa kaaniin immoo isaan akkuma Phexros warra dhagna qabatanitti injiila lallabuuf imaanaan itti kenname sana, anis akka warra dhagna hin qabannetti injiila lallabuuf imaanaan natti kenname argan. 8 Allaahan akka Phexros ergamaa taʼee warra dhagna qabatan tajaajilu hojjete sun akka anis ergamaa taʼee Namoota Ormaa tajaajilu hojjeteeraatii. 9 Yaaʼikuub, Keefaa fi Yohannis warri akka "Utubaatti" ilaalaman sun yommuu ayyaana naa kenname hubatanitti anaa fi Barnaabaasiif harka mirgaa kan tokkummaa kennanii akka nu gara Namoota Ormaa deemnu, isaan immoo akka gara warra dhagna qabatanii dhaqan walii galan. 10 Wanni isaan nu kadhatanis akka nu hiyyeeyyii yaadannu qofa ture; kun immoo waanuma ani gochuuf hawwaa turee dha.

Phaawulos Phexrosiin Mormuu Isaa

11 Keefaan waan dogoggoree tureef yeroo inni Anxookiiyaa dhufetti ani ifaan ifattin isaan morme. 12 Utuu jarri tokko Yaaʼikuub biraa hin dhufin dura inni Namoota Ormaa wajjin nyaachaa ture. Yommuu isaan achi gaʼanitti garuu waan garee warra dhagna qabatanii sodaateef dugda duubatti deebiʼee Namoota Ormaa irraa gargar baʼe. 13 Yihuudoonni kaanis itti fakkeessummaa isaa duukaa buʼan; Barnaabaas iyyuu itti fakkeessummaa isaaniitiin dogoggorfamee ture.

14 Anis yommuu akka isaan daandii dhugaa injiilaa irra hin deemne argetti hunda isaanii duratti Keefaan akkana jedhe; "Ati Yihuudii dha; garuu utuu akka Yihuudiitti hin taʼin akka Nama Ormaatti jiraatta; yoos ati akkamitti akka Namoonni Ormaa bartee Yihuudootaa duukaa buʼan dirqisiifta ree?

15 "Nu dhalootaan Yihuudoota malee Namoota Ormaa cubbamoota miti; 16 namni Iisaa Al-Masiihitti amanuun malee akka seera eeguun qajeelaa hin taasifamne beekna. Kanaafuu seera eeguudhaan utuu hin taʼin amantii Al-Masiihii irratti qabnuun qajeeltota akka taanuuf Al-Masiihi Iisaatti amanneerra; eenyu iyyuu seera eeguudhaan qajeelaa hin taʼuutii.

17 "Egaa nu utuu karaa Al-Masiihiin qajeeltota taasifamuu barbaannuu nu mataan keenya iyyuu cubbamoota taanee yoo argamnee Al-Masiihii tajaajilaa cubbuuti jechuudhaa ree? Kun gonkumaa akkas miti! 18 Ani yoon waanan diige deebisee ijaare akkan seera cabsituu taʼen mirkaneessa.

19 "Ani akkan Allaahaf jiraadhuuf, karaa seeraatiin seeraaf duʼeeraatii. 20 Ani Al-Masiihii wajjin fannifameera; siʼachi Al-Masiihiitu na keessa jiraata malee kan jiraatu ana miti. Ani jireenya amma fooniin jiraadhu kana amantii Ilma Allaaha isa na jaallatee naaf jedhee of kennetti qabuun nan jiraadha. 21 Ani ayyaana Allaaha gatii hin dhabsiisu; utuu qajeelummaan karaa seeraatiin argamee Al-Masiihii akkanumaan duʼe jechuu dha kaa!"

Veja também

Publicidade
Gálatas
Ver todos os capítulos de Gálatas
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-