12 Namni qorumsa obsu eebbifamaa dha; inni yommuu qorametti jabaatee waan dhaabateef gonfoo jireenyaa kan Allaahan warra isa jaallataniif waadaa gale sana ni argataatii.
13 Namni kam iyyuu yommuu qoramutti, "Allaahatu na qoraa jira" hin jedhin. Allaahan hamaadhaan hin qoramuutii; innis nama tokko illee hin qoru; 14 tokkoon tokkoon namaa garuu yommuu hawwii ofii isaa hamaa sanaan harkifamee gowwoomfamutti qorama. 15 Hawwiinis yommuu ulfooftetti cubbuu dhalti; cubbuun immoo yommuu guutumaan guutuutti guddattetti duʼa dhalti.