Pular para o conteúdo
Publicidade

2 ሴና 7:12-14

ONOCV New Oromo Contemporary Version

12 ዋቀዮስ ሀልከኒን እሰት ሙልአቴ አከነ ጄዼን፦

"አን ከዸትናኬ ዸገኤረ፤ እዶ ከነሌ መነ ቁልቁሉማ ከን ኣርሳን እት ዽኤፈሙ ጎዼ ኦፊኮቲፍ ፍለዼረ።

13 "አን ዮሙን አከ ቦካን ህንሮብኔፍ ሰሚ ጩፉት ዮካን አከ እን ለፈ በሌሱፍ ሀዋንሰ ኤርጉት ዮካን አን ዮሙን ሰበኮት ዸእቸ ኤርጉት፣ 14 ዮ ሰብንኮ ከን መቃኮቲን ዋመሙ ገድ ኦፍ ቀቤ ነ ከዸቴ፣ ዮ እን ፉለኮ በርባዴ ከራሳ ሀማ ሰነራ ዴብኤ፣ አን ሰሚራ ዸገኤ ጩቡሳ ዺሴፊ ብየሳ ነንፈይሰ።

Em outras traduções

  1. HABH Nova Versão Contemporânea Oromo Aberta, Ocidental

    12 Waaqayyos halkaniin isatti mulʼatee akkana jedheen:

    "Ani kadhannaa kee dhagaʼeera; iddoo kana illee mana qulqullummaa kan aarsaan itti dhiʼeeffamu godhee ofii kootiif filadheera.

    13 "Ani yommuun akka bokkaan hin roobneef samii cufutti yookaan akka inni lafa balleessuuf hawwaannisa ergutti yookaan ani yommuun saba kootti dhaʼicha ergutti, 14 yoo sabni koo kan maqaa kootiin waamamu gad of qabee na kadhate, yoo inni fuula koo barbaadee karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼe, ani samii irraa dhagaʼee cubbuu isaa dhiiseefii biyya isaa nan fayyisa.

  2. KQTAB Oromo Contemporary Scriptures

    12 Rabbii Allaahanis halkaniin isatti mulʼatee akkana jedheen:

    "Ani duʼaa kee dhagaʼeera; iddoo kana illee mana qulqullummaa kan aarsaan itti dhiʼeeffamu godhee ofii kootiif filadheera.

    13 "Ani yommuun akka bokkaan hin roobneef shamaayʼun cufutti yookaan akka inni lafa balleessuuf hawwaannisa ergutti yookaan ani yommuun saba kootti dhaʼicha ergutti, 14 yoo sabni koo kan maqaa kootiin waamamu gad of qabee na duratti duʼaa godhate, yoo inni fuula koo barbaadee karaa isaa hamaa sana irraa deebiʼe, ani shamaayʼun irraa dhagaʼee cubbuu isaa dhiiseefii biyya isaa nan fayyisa.

Direitos das traduções citadas

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.