Aceitar Jesus
Aceitar Jesus é a decisão mais importante da vida. Quem o recebe como Senhor e Salvador recebe vida eterna, perdão completo e a presença permanente do Espírito Santo.
Warra isa fudhatanii maqaa isaatti amananiif garuu akka ijoollee Allaaha taʼaniif mirga kenne.
Kan isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatuuf malee akka hin badneef, Allaahan hamma Ilma isaa tokkicha kennutti addunyaa jaallateeraatii.
Iisaanis akkana jedhee deebiseef; "Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.
kunis yoo ati, "Iisaan Gooftaa dha" jettee afaan keetiin dhugaa baatee akka Allaahan warra duʼan keessaa isa kaase garaa keetti amante, ati ni fayyita.
Mindaan cubbuu duʼaatii; kennaan Allaaha garuu karaa Gooftaa keenya Al-Masiihii Iisaatiin jireenya bara baraa ti.
Namni maqaa Gooftaa waammatu,
hundinuu ni fayya.’
Phexrosis akkana jedhee deebise; "Tokkoon tokkoon keessan qalbii jijjiirradhaa; dhiifama cubbuu keessaniitiifis maqaa Iisaa Al-Masiihiitiin cuuphamaa; kennaa Hafuura Qulqulluus ni argattu.
Fayyinni nama biraa tokko irraa iyyuu hin argamu; maqaan nu ittiin fayyifamnu kan shamaayʼun gaditti namootaaf kenname biraa tokko iyyuu hin jiruutii."
Isaanis deebisanii, "Gooftaa Iisaatti amani; ati ni fayyitaa; warri mana kee jiraatanis ni fayyuutii" jedhan.
Yoo cubbuu keenya himanne, inni cubbuu keenya nuu dhiisuuf amanamaa fi qajeelaa dha; jalʼina hunda irraas nu qulqulleessa.
Kunoo, ani balbala dura dhaabadheen balbala rurrukuta. Yoo namni kam iyyuu sagalee koo dhagaʼee balbala naaf bane, ani ol seenee isa wajjin irbaata nan nyaadha; innis na wajjin ni nyaata.