Pular para o conteúdo
Publicidade

Agradecimento pela família

Por Bíblia Online

Agradecer pela família é reconhecer a bênção mais preciosa que Deus nos concede. Os filhos são herança do Senhor — cada membro da família é presente divino a ser celebrado.

Kunoo, ijoolleen kennaa Rabbii Allaah ti;

iji gadameessaas badhaasa isaa ti.

Ijoolleen dargaggummaa keessa dhalchan,

akkuma xiyya harka goota tokkoo keessa jiruu ti.

Namni korojoon isaa xiyyaan guutame eebbifamaa dha.

Inni yommuu karra duratti diinota isaatiin falmutti hin qaanaʼu.

Yaa lubbuu ko, Rabbii Allaah eebbisi;

keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.

Yaa lubbuu koo Rabbii Allaah eebbisi;

tola isaa hundas hin irraanfatin.

Nus waan kana ijoollee isaanii duraa hin dhoksinu;

hojii Rabbii Allaah ulfina qabeessa sana,

humna isaatii fi dinqii inni hojjete,

dhaloota itti aanutti ni himna.

Nama jaare tokkoof ilmaan ilmaan isaa gonfoo dha;

haadhaa fi abbaanis ijoollee isaaniitiif ulfina.

Ani mucaa kana argachuuf duʼaa godhadheera; Rabbii Allaahanis waan ani isa kadhadhe naaf kenneera.

Galataa Fi Duʼaa

Ani yeroo isin yaadadhu hunda Allaah koo nan galateeffadha.

Gammachuu sababii keessaniin fuula Allaah keenyaa duratti qabnu hundaaf waaʼee keessaniif hammam Allaah galateeffachuu dandeenya?

Yaa maatiiwwan sabootaa, Rabbii Allaahaf kennaa;

ulfinaa fi jabina Rabbii Allaahaf kennaa.

Kennaan gaariin hundinuu, kennaan mudaa hin qabne hundinuus Abbaa ifaa isa akka gaaddidduu hin geeddaramne sana biraa gubbaadhaa gad buʼa.

Guutama isaa irraas hundi keenya ayyaana irratti ayyaana arganneerra.

Dubartoonnis Naaʼomiiniin akkana jedhan; "Rabbii Allaahan inni nama si dhaalu si hin dhabsiisin sun haa eebbifamu. Guutummaa Israaʼel keessattis inni maqaa haa qabaatu! Innis jireenya kee ni haaromsa; bara dulluma keetiittis si soora. Niitiin ilma keetii isheen si jaallattu kan ilmaan torba siif caaltu sun isa deesseertiitii."

Isaan akkuma ani harʼa gochaa jiru kana yaa jiraataa,

yaa jiraataa jedhanii si jajatu;

abbootiin waaʼee amanamummaa keetii

ijoollee isaaniitti ni odeessu.

Seja o primeiro