Publicidade

Provérbios 22

1 Maqaan gaariin badhaadhummaa guddaa caalaa filatamaa dha;

kabajamuunis meetii fi warqee caala.

2 Wanni sooressaa fi hiyyeessa wal fakkeessu kanaa dha:

Uumaan hunda isaanii Rabbii Allaah dha.

3 Namni hubataan balaa argee jalaa dhokata;

wallaalaan immoo ittuma deemee adabama.

4 Gad of qabiisnii fi Rabbii Allaah sodaachuun,

qabeenya, ulfinaa fi jireenya namaa kennu.

5 Karaa hamootaa irra qoraattii fi kiyyootu jira;

namni lubbuu isaa eeggatu garuu waan kana irraa fagaatee jiraata.

6 Daaʼima tokko karaa inni irra deemuu qabu barsiisi;

inni gaafa dulloome iyyuu karaa sana irraa hin jalʼatu.

7 Sooressi hiyyeessa bulcha;

liqeeffataan garbicha liqeessituu ti.

8 Namni hammina facaasu rakkina haammata;

uleen aarii isaas ni hurraaʼaa.

9 Namni arjaan waan nyaata isaa hiyyeeyyiif qooduuf

ofii isaatii ni eebbifama.

10 Qoostuu of biraa ariʼi; lolli ni qabbanaaʼaa;

wal diddaa fi arrabsoonis hin jiraatu.

11 Nama qulqullina garaa jaallatuu fi

dubbiin isaa namatti tolu mootiin michuu isaaf taʼa.

12 Iji Rabbii Allaah xiyyeeffatee beekumsa ilaala;

inni garuu dubbii nama hin amanamnee ni busheessa.

13 Dhibaaʼaan, "Leenci ala jira!

Ani karaa gubbaatti nan ajjeefama!" jedha.

14 Afaan ejjituu boolla gad fagoo dha;

namni dheekkamsa Rabbii Allaah jala jiru achi keessa buʼa.

15 Gowwummaan yaada daaʼimaa keessatti hidhameera;

uleen ittiin adaban garuu irraa fageessa.

16 Namni qabeenya isaa guddifachuuf jedhee

hiyyeessa hacuucuu fi kan sooressaaf kennaa kennu ni deega.

Jecha tokkoffaa

17 Qalbeeffadhuutii waan namni ogeessi jedhu dhaggeeffadhu;

yaada kees gara waan ani barsiisuutti deebifadhu;

18 yoo ati qalbiitti qabattee hunduma isaa hidhii kee irratti qopheeffatte

wanni kun nama gammachiisaatii.

19 Akka abdiin kee Rabbii Allaah taʼuuf

ani harʼa suma mataa kee iyyuu nan barsiisa.

20 Ani jecha soddoma, jecha gorsaatii fi

beekumsaa siif hin barreessinee?

21 Kanas ani akka ati warra si erganiif

deebii dhugaa kennituuf waan qajeelaa fi

dhugaa si argisiisuufin barreesse mitii?

Jecha lammaffaa

22 Ati sababii inni hiyyeessa taʼeef jettee hiyyeessa hin saamin;

rakkataas mana murtiitti hin cunqursin;

23 Rabbii Allaahan dubbii isaanii ni ilaalaaf;

jireenya warra isaan saamaniis ni saamaatii.

Jecha sadaffaa

24 Nama dafee aaru michuu hin godhatin;

nama akka salphaatti dheekkamu wajjinis tokkummaa hin qabaatin;

25 yoo kana goote karaa isaa baratta;

ofii kees kiyyootti galchita.

Jecha afraffaa

26 Nama harka dhaʼee waadaa galu

yookaan nama liqii namaatiif wabii taʼu hin taʼin;

27 yoo ati waan baaftu dhabde,

sireen kee iyyuu si jalaa fudhatama.

Jecha shanaffaa

28 Dhagaa daarii durii,

kan abbootiin kee dhaaban hin dhiibin.

Jecha jaʼaffaa

29 Nama hojii isaa keessatti ogummaa qabu argitee?

Inni fuula moototaa dura dhaabata;

fuula namoota kaanii dura garuu hin dhaabatu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-