Publicidade

Provérbios 14

1 Dubartiin ogeettiin mana ishee ijaarratti;

gowwaan immoo harkuma isheetiin mana ofii diigdi.

2 Namni qajeelummaan jiraatu Rabbii Allaah sodaata;

kan karaan isaa jalʼaa taʼe garuu isa tuffata.

3 Afaan nama gowwaa dugda isaatti ulee of tuulummaa fida;

arrabni ogeeyyii garuu isaan eega.

4 Yoo qotiyyoon hin jirre, dallaan duwwaa taʼa;

garuu humna qotiyyoo tokkootiin midhaan baayʼeen argama.

5 Dhuga baatuun amanamaan hin sobu;

dhuga baatuun sobaa immoo dhara of keessaa gad naqa.

6 Qoostuun namaa ogummaa barbaadee hin argatu;

nama waa hubatuuf garuu beekumsi dadhabbii malee dhufa.

7 Ati nama gowwaa irraa fagaadhu;

arraba isaa irraa beekumsa hin argattuutii.

8 Ogummaan hubattootaa akka isaan karaa isaanii beekan isaan godha;

gowwummaan gowwootaa garuu karaa irraa isaan balleessa.

9 Gowwoonni cubbuutti qoosu;

qajeeltota gidduutti garuu hawwii gaariitu argama.

10 Garaan gadda ofii isaa ni beeka;

namni biraa tokko iyyuu gammachuu isaa irraa hin qooddatu.

11 Manni nama hamaa ni bada;

dunkaanni nama qajeelaa immoo ni daraara.

12 Karaan qajeelaa namatti fakkaatu tokko jira;

dhuma irratti garuu duʼatti nama geessa.

13 Kolfa keessatti iyyuu garaan nama dhukkubuu dandaʼa;

gammachuunis gaddaan dhumuu dandaʼa.

14 Namni hin amanamne gatii karaa isaa,

namni gaariin immoo gatii hojii isaa argata.

15 Namni homaa hin beekne waan hunda amana;

namni qalbii qabu garuu tarkaanfii isaa ilaallata.

16 Namni ogeessi of eeggata; waan hamaa irraas ni deebiʼa;

gowwaan garuu waan hundatti jarjara; of illee hin eeggatu.

17 Namni dafee aaru gowwummaa hojjeta;

namni daba hojjetu garuu ni jibbama.

18 Namni homaa hin beekne gowwummaa dhaala;

qalbeeffataan garuu beekumsa gonfata.

19 Namoonni hamoon fuula namoota gaarii duratti,

jalʼoonnis karra qajeeltotaa duratti sagadu.

20 Hiyyeeyyii olloonni isaanii iyyuu ni jibbu;

sooreyyiin immoo michoota hedduu qabu.

21 Namni ollaa isaa tuffatu cubbuu hojjeta;

kan rakkataaf garaa laafu garuu eebbifamaa dha.

22 Namni hammina yaadu karaa irraa hin baduu?

Warri waan gaarii karoorsan garuu jaalalaa fi amanamummaa argatu.

23 Jabaatanii hojjechuun hundi buʼaa buusa;

oduun faayidaa hin qabne garuu hiyyummaa qofa fida.

24 Gonfoon ogeeyyii qabeenya isaanii ti;

gowwummaan gowwootaa garuu gowwummaa dhala.

25 Dhuga baatuun dhugaa lubbuu baraara;

dhuga baatuun sobaa immoo soba dubbata.

26 Namni Rabbii Allaah sodaatu daʼannoo jabaa qaba;

ijoolleen isaas daʼoo argatu.

27 Rabbii Allaah sodaachuun burqaa jireenyaa ti;

kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.

28 Ulfinni mootii tokkoo baayʼina uummata isaa ti;

yoo uummanni hin jirre garuu ilmi mootiis ni bada.

29 Namni obsa qabu hubannaa guddaa qaba;

kan dafee aaru garuu gowwummaa mulʼisa.

30 Garaan nagaa qabu dhagnaaf jireenya kenna;

hinaaffaan garuu lafee tortorsa.

31 Namni hiyyeessa cunqursu kan isa Uume tuffata;

namni hiyyeessaaf garaa laafu immoo Allaah kabaja.

32 Hamoonni jalʼinuma isaaniitiin badu;

qajeeltonni garuu duʼa keessatti illee amanamummaa isaaniitiin daʼannoo argatu.

33 Ogummaan qalbii nama waa hubatuu keessa jirti;

garaa gowwootaa keessatti garuu hin beekamtu.

34 Qajeelummaan saba ol guddisa;

cubbuun garuu saba kamiif iyyuu salphina.

35 Mootiin tajaajilaa ogeessatti ni gammada;

kan isa qaanessutti garuu ni dheekkama.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-