Publicidade

Provérbios 18

1 Namni addaan of baasu ofittummaa duukaa buʼa;

murtii dhugaa hundaanis ni morma.

2 Namni gowwaan hubannaa argachuutti hin gammadu;

garuu yaaduma isaa ibsuutti gammada.

3 Yeroo hamminni dhufu tuffiin dhufa;

salphinnis qaanii wajjin dhufa.

4 Dubbiin afaan namaa bishaan gad fagoo dha;

burqaan ogummaa garuu bishaan yaaʼuu dha.

5 Gara nama hamaa goruun yookaan nama balleessaa hin qabne

murtii qajeelaa dhowwachuun gaarii miti.

6 Hidhiin gowwaa lola fida;

afaan isaas rukutamuu itti waama.

7 Afaan gowwaa badiisa isaa ti;

hidhiin isaas kiyyoo lubbuu isaa ti.

8 Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti;

gara kutaa garaattis gad buʼa.

9 Namni hojii isaa irratti dhibaaʼu,

obboleessa nama waa balleessuu ti.

10 Maqaan Rabbii Allaah gamoo jabaa dha;

namni qajeelaan itti baqatee badiisa oola.

11 Qabeenyi sooreyyii isaaniif magaalaa daʼoo qabduu dha;

isaanis akka dallaa ol dheeraatti hedu.

12 Kufaatiidhaan dura garaan namaa of tuula;

gad of qabuun garuu ulfinaan dura dhufa.

13 Utuu hin dhaggeeffatin deebii kennuun,

gowwummaa fi qaanii dha.

14 Hafuurri namaa dhukkuba ni obsa;

hafuura cabe garuu eenyutu obsuu dandaʼa?

15 Garaan nama hubataa beekumsa argata;

gurri ogeessaas waan kana barbaada.

16 Kennaan abbicha kennuuf karaa bana;

fuula namoota gurguddaa durattis isa dhiʼeessa.

17 Hamma namni biraa dhufee isaan mormutti,

namni jalqabatti himata isaa dhiʼeeffatu tokko dhugaa qabeessa fakkaata.

18 Ixaa buusuun wal falmii qabbaneessa;

namoota wal lolan jajjaboos addaan galcha.

19 Obboleessa yakkame tokko deebisuun magaalaa daʼoo qabdu irra ulfaata;

wal falmiinis akkuma danqaraa karra dallaa dhagaa ti.

20 Ija afaan isaatiin garaan namaa quufa;

dubbii arraba isaatiinis ni guuta.

21 Arrabni humna jireenyaatii fi duʼaa qaba;

warri isa jaallatanis ija isaa nyaatu.

22 Namni niitii argatu waan gaarii argata;

fuula Rabbii Allaah durattis surraa argata.

23 Hiyyeessi arraba laafaadhaan dubbata;

sooressi garuu sagalee jabaadhaan deebii kenna.

24 Namni michoota baayʼisu ni bada;

garuu michuun obboleessa caalaa namatti aanu ni jira.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-