Publicidade

Provérbios 4

Ogummaan Waan Hunda Caalti

1 Yaa ilmaan ko, mee gorsa abbaan namaaf kennu dhagaʼaa;

qalbeeffadhaatii hubannaa argadhaa.

2 Ani barumsa gaarii isinii nan kenna;

kanaafuu barsiisa koo hin dhiisinaa.

3 Yeroo ani mucaa xinnaa taʼee mana abbaa koo turetti,

yeroo ani daaʼima dhiiga taʼee haadha kootiif ilma tokkicha turetti,

4 inni akkana jedhee na barsiise;

"Garaa kee guutuudhaan dubbii koo jabeessii qabadhu;

seera koo eegi; ati ni jiraattaatii.

5 Ogummaa argadhu; hubannaas argadhu;

dubbii koo hin dagatin yookaan irraa hin jalʼatin.

6 Ogummaa hin dhiisin; isheen si eegdii;

ishee jaalladhu; isheenis si tiksitii.

7 Ogummaan waan hunda caalti; kanaafuu ogummaa argadhu.

Yoo isheen waan ati qabdu hunda si baasifte illee hubannaa argadhu.

8 Ogummaa kabaji; inni ol si guddisaatii;

isa hammadhu; innis si kabajaatii.

9 Isheen kallacha bareedaa mataa kee irra siif keessi;

gonfoo miidhagaa illee siif kenniti."

10 Yaa ilma ko dhagaʼi; waan ani jedhu illee fudhadhu;

barri jireenya keetiis ni baayʼataa.

11 Ani karaa ogummaa irra sin qajeelcha;

daandii qajeelaa irras sin buusa.

12 Yeroo ati deemtu, tarkaanfiin kee hin ittifamu;

yoo fiigdu illee ati hin gufattu.

13 Qajeelfama jabeessii qabadhu; gad hin dhiisin;

waan inni jireenya kee taʼeef jabeessii eeggadhu.

14 Daandii hamootaa irra miilla kee hin dhaabin

yookaan karaa jalʼootaa irra hin deemin.

15 Irraa fagaadhu; irras hin deemin;

irraa goriitii karaa kee irra qajeeli.

16 Isaan waan hamaa hojjetan malee rafuu hin dandaʼaniitii;

isaan hamma nama gufachiisanitti hirriba hin argatan.

17 Isaan buddeena hamminaa nyaatu;

daadhii wayinii kan dabaan argame dhugu.

18 Karaan qajeeltotaa akkuma ifa barii barraaqaa

kan hamma saafaatti ittuma fufee ifaa deemuu ti.

19 Karaan hamootaa garuu akkuma dukkana guddaa ti;

isaan waan isaan gufachiisu hin beekan.

20 Yaa ilma ko, waan ani jedhu qalbeeffadhu;

dubbii kootiifis gurra kenni.

21 Akka inni fuula kee duraa dhabamu hin godhin;

garaa kee keessa ol kaaʼadhu;

22 inni warra isa argatuuf jireenya,

dhagna namaa guutuufis fayyinaatii.

23 Waan hunda caalaa qalbii kee eeggadhu;

burqaan jireenyaa achii baʼaatii.

24 Dubbii jalʼinaa afaan kee keessaa balleessi;

haasaa hamaas arraba kee irraa fageessi.

25 Iji kee kallattiidhaan qajeelchee haa ilaalu;

atis xiyyeeffadhuu fuula kee dura ilaali.

26 Miilla keetiif daandii wal qixxeeffadhu;

karaan kee hundinuu haa jabaatu.

27 Gara mirgaatti yookaan gara bitaatti hin gorin;

miilla kee hammina irraa eeggadhu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-