Publicidade

Provérbios 13

1 Ilmi ogeessi gorsa abbaa isaa dhagaʼa;

qoostuun namaa immoo dheekkamsa hin dhaggeeffatu.

2 Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin gammada;

namni hin amanamne garuu jeequmsaaf ariifata.

3 Namni arraba isaa eeggatu, jireenya isaa eeggata;

kan of eeggachuu malee dubbatu immoo baduuf ariifata.

4 Fedhiin dhibaaʼaa yoom iyyuu hin guutamu;

fedhiin nama jabaatee hojjetuu immoo guutumaan ni milkaaʼa.

5 Namni qajeelaan soba jibba;

namni hamaan garuu qaanii fi salphina fida.

6 Qajeelummaatu nama tolaa tiksa;

hamminni garuu cubbamaa galaafata.

7 Namni tokko sooressa of fakkeessa; garuu homaa hin qabu;

tokko immoo hiyyeessa of fakkeessa; garuu qabeenya guddaa qaba.

8 Soorumni nama tokkoo furii jireenya isaa taʼuu dandaʼa;

hiyyeessi garuu ifannaa hin dhagaʼu.

9 Ifni nama qajeelaa akka gaarii ifa;

ibsaan nama hamaa garuu ni dhaama.

10 Of tuulummaan lola qofa baayʼisa; ogummaan garuu

warra gorsa dhagaʼan biratti argamti.

11 Maallaqni karaa sobaatiin dhufu dafee bada;

namni xinnoo xinnoon maallaqa walitti qabatu garuu ni kuufata.

12 Abdiin lafa irra harkifatu garaa nama dhukkubsa;

hawwiin guutamu garuu muka jireenyaa ti.

13 Namni gorsa tuffatu badiisa ofitti fida;

kan ajaja ulfeessu immoo badhaasa argata.

14 Barsiisni nama ogeessaa burqaa jireenyaa ti;

kiyyoo duʼaa irraas nama deebisa.

15 Hubannaan gaariin surraa argamsiisa;

karaan warra hin amanamnee garuu badiisatti isaan geessa.

16 Namni qalbii qabu kam iyyuu beekumsaan hojjeta;

gowwaan immoo gowwummaa isaa mulʼisa.

17 Malaʼikkaan hamaan rakkoo keessa seena;

malaʼikkaan amanamaan garuu fayyina fida.

18 Namni adabamuu jibbu ni hiyyooma; ni qaanaʼas;

kan sirreeffama kabaju immoo ulfina argata.

19 Hawwiin guutame namatti miʼaawa;

gowwoonni garuu waan hamaa irraa deebiʼuu balfu.

20 Namni nama ogeessa wajjin deemu ogeessa taʼa,

michuun gowwootaa garuu ni miidhama.

21 Wanni hamaan cubbamoota ariʼata;

badhaadhummaan immoo badhaasa qajeelotaa ti.

22 Namni gaariin ilmaan ilmaan isaatiif dhaala dabarsa;

qabeenyi nama cubbamaa garuu qajeeltotaaf kuufama.

23 Qonnaan hiyyeessaa midhaan guddaa baasa;

murtiin jalʼaan garuu haxaaʼee duraa balleessa.

24 Namni harcummee qusatu ilma isaa jibba;

kan ilma ofii jaallatu immoo ilaallachaa isa adaba.

25 Namni qajeelaan hamma quufutti nyaata;

garaan nama hamaa garuu ni beelaʼa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-