Publicidade

Provérbios 12

1 Namni adabamuu jaallatu kam iyyuu beekumsa jaallata;

kan sirreeffamuu jibbu garuu gowwaa dha.

2 Namni gaariin Rabbii Allaah biratti fudhatama argata;

Rabbii Allaahan garuu nama hammina malatutti ni mura.

3 Namni tokko hamminaan jabaatee hin dhaabatu;

qajeelaan garuu hin buqqifamu.

4 Niitiin amala gaarii dhirsa isheetiif gonfoo dha;

niitiin qaanessitu garuu akkuma tortora lafee isaa keessaa ti.

5 Karoorri qajeeltotaa qajeelaa dha;

gorsi jalʼootaa garuu gowwoomsaa dha.

6 Dubbiin hamootaa dhiiga dhangalaasuuf riphee nama eeggata;

haasaan tolootaa garuu duʼa jalaa nama baasa.

7 Namoonni hamoon ni garagalfamu; deebiʼaniis hin argaman;

manni qajeeltotaa garuu jabaatee dhaabata.

8 Namni tokko akkuma ogummaa isaatti jajama;

namni yaada jalʼaa qabu immoo ni tuffatama.

9 Namni tuffatamaan hojjetaa qabu tokko,

nama of kabaju kan waan nyaatu iyyuu hin qabne caala.

10 Namni qajeelaan lubbuu horii isaatiif yaada;

hojiin jalʼootaa garuu tolaan isaa iyyuu hammina.

11 Namni lafa isaa qotatu nyaata guddaa argata;

kan yaada faayidaa hin qabne duukaa buʼu garuu hubannaa hin qabu.

12 Hamoonni boojuu jalʼootaa hawwu;

hiddi qajeeltotaa garuu ni lalisa.

13 Namni hamaan cubbuu afaan isaatiin qabama;

namni qajeelaan garuu rakkoo jalaa miliqa.

14 Namni waan afaan isaatii baʼuun waan gaariin guutama;

hojiin harka namaas isumaaf deebiʼa.

15 Nama gowwaa karaan isaa qajeelaa itti fakkaata;

namni ogeessi garuu gorsa dhagaʼa.

16 Aariin gowwaa yommusuma isa irraa beekama;

namni hubataan garuu arrabsoo tuffata.

17 Namnii dhugaa dubbatu ragaa amanamaa kenna;

dhuga baatuun sobaa garuu soba dubbatti.

18 Dubbiin of eeggannaa hin qabne akkuma goraadee nama waraana;

arrabni nama ogeessaa garuu nama fayyisa.

19 Afaan dhugaa dubbatu bara baraan jiraata;

arrabni soba dubbatu garuu yeroo gabaabaa qofa jiraata.

20 Garaa warra waan hamaa malatanii keessa gowwoomsaatu jira;

warri nagaa buusan garuu gammachuu qabu.

21 Qajeeltotatti miidhaan tokko iyyuu hin dhufu;

hamoonni rakkinaan guutamu.

22 Rabbii Allaahan arraba sobu ni jibba;

warra dhugaa dubbatutti garuu ni gammada.

23 Namni hubataan beekaa taʼuu isaa dhokfata;

gowwoonni garuu gowwummaa isaanii labsu.

24 Harki nama jabaatee hojjetuu ni moʼa;

dhibaaʼummaan garuu garbummaatti nama geessa.

25 Garaan yaaddaʼu gad nama deebisa;

dubbiin tolaan immoo nama gammachiisa.

26 Namni qajeelaan ollaa isaa karaa argisiisa;

karaan hamootaa garuu karaa irraa nama jalʼisa.

27 Namni dhibaaʼaan waan adamsee ajjeese hin waaddatu;

kan jabaatee hojjetu immoo qabeenya gatii guddaa argata.

28 Karaa qajeelummaa irra jireenyatu jira;

daandii sana irra duuti hin jiru.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-